Matthew 6:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Nami akka isin dhagguuf jettanee hujii dansaa isaan duratti akka hin hunye ifi eeggadha'a! Akkas yoo gootane, Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru biraa gatii hin qaddanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegad'a aka huji teesani dansa nama durati intolchine aka nami argu. Yo akasi tolchitani Abba keesani ka gubba jiru galata ira inargattani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Nama ufi garsiisuufi jettani akka hujii teessan dansaa namii argu fuula namaa duratti hintolchine ufi Eegadhaa! Yo akkas tolchitan Abbaa keessan ka gubbaa jiru galata irraa hinargattan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammallee akkana jedhe, «Namni akka isin arguuf jettanii hujii mishaa afoo isaaniititti akka hin hunye uf eeggadhaa'a! yoo akkas gootan ammo Abbaa keessan ka sami'ii biraa gatii woyiituu hin argattan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Namni akka isin arguuf jettanii hujii mishaa afoo isaaniititti akka hin hunye uf eeggadhaa'a! Akkas yoo gootan, Abbaa keessan ka samii jiraatu irraa gatii hin argattani.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Namoonni nuuf haa argan jettanii hujii keessan mishaa namoota duranatti, raawwachuu irraa ufi eeggadhaa, yoo ta'uu dhabaate garuu, Abbaa keessan ka sami'ii biratti gatii woyiituu hin ariggattan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Nami akka isin dhagguuf jettanee hujii dansaa isaan duratti akka hin hunye ifi eeggadha'a! Akkas yoo gootane, Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru biraa gatii hin qaddanu.