Matthew 6:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yoo isin yakkaa namootaaf hin araaramin ammoo, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakka teessan isiniif hin araaramu” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo isani wollaala namaa inaraaramne, Abbaani keesanileeni wollaala isanii inaraaramu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo yo isan wallaala namaa hinarraaramne, Abbaan keessaniilleen wallaala isanii hinarraaramu” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo isin yakka namootaa dhiisuu diddan, Abbaan keessan cubbuu keessan isinii hin dhiisu» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yoo isin yakka namootaaf dhiisuu diddan, Abbaan keessan cubbuu keessan isinii hin dhiisu» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Balleessaa namootaatiif dhiifama yoo taasisuu dhabaattantan garuu, balleessaa keessaniif'llee Abbaan keessan ka sami'ii dhiifama isiniif hin taasisu.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoo isin yakkaa namootaaf hin araaramin ammoo, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa teessan isiniif hin araaramu» jedhe.