Matthew 6:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Yennaa laantanu, akka worri kijibu tolchu fuula keessan hin addeessina'a. Laamuu isaanii namooti akka dhagganuuf isaan ifi addeessan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii fudhataneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo Waaqa kad'achaafi agabdani, fuula iyakatiina, aka worra kiyyiba. Worri fuula yakata, aka agabu worraa nami argu. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Yo Waaqaa kadhachaaf agabdan, akka warra kijibaa fuula hin yakkatinaa! Warrii akka namii agabuu warraa arguuf fuula yakkata. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu warrii sun gatii ufii ya argate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammallee akkana jedhe, «Hennaa soomtan akka worra fakkeessuu uf hin daalacheessinaa'a; isaan akka soomaniiran namootatti uf mudhisu'uuf fuula guuran. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Hennaa soomtan akka worra fakkeessuu uf hin daalacheessinaa'a; namootaatti akka soomaniiran uf mudhisu'uuf fuula ufii guuran. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee itti aanssee akkana ni jedhe, «Yeroo soomttanitti namoonni soomuun isaanii akka isaanii beekaniif, akka worra fuula isaanii jijjiiranii akka fakkeessitootaa, fuula keessan hin qaamessinaa, dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii isaanii fudhatanii jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Yennaa laantanu, akka worri kijibu tolchu fuula keessan hin addeessina'a. Laamuu isaanii namooti akka dhagganuuf isaan ifi addeessan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii fudhataneeran.