Matthew 6:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Hiyyeeyyi'iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina'a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi yo hiyyeesa qarqaartu, magalata ufi durati ind'aiini, aka nami kiyyibaani Maneeni Waaqa iti kad'ataniifi kara keesati tolchu, aka nami sila worra guddisu. D'uguma waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf yo hiyyeessa qarqaartu, magalata ufi duratti hindha'an, akka namii kijibaan akka namii silaa warra guddisuuf, manneen waldeenaatiif karaa keessaalleetti tolchu. Anin dhuguma isanitti himaa warrii sun gatii ufii ya argate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Eegasuu isin hennaa hiyyeeyyi'iif arjoomtan, akka worra uf tuulanii nama biratti ulfinna ittiin argatu'uuf jedhanii mana sagadaatii fi karaa irrattillee uf mudhisu'uuf godhan hin godhinaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii argataniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Eegasuu isin hennaa hiyyeeyyi'iif arjoomtan, akka worra uf tuulanii nama biratti ulfinna ittiin argatu'uuf jedhanii, mana sagadaatii fi karaa irrattillee uf mudhisu'uuf akkuma godhan, hin godhinaa'a. Ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii argataniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kanaaf hiyyeesotaa yeroo arjjoomttantti, fakkeessitoonni bakka woligayii isaaniitii fi karaa mara irratti akkuma raawwatan, muldhachu'uuf hin raawwatinaa, dhugamaan isinitti ni hima, isaan gatii isaanii durssanii fudhatanii jiran.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Hiyyeeyyi'iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina'a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.