Matthew 6:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina'a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini isaniti hima, Jireenna yokhaani nyaata d'ugaati, yokhaani waan nafaati uyifatani ind'ind'insiina. Jireenni liqimsa ira injiru: Yokhaani nafi woya ira injiru:
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf anin isanitti himaa jireenna yokaan nyaataa dhugaatiin, yokaan waan nafatti uyyifattan hindhindhisinaa. Jireennii liqimsaa irra hinjiru? Yokaan naafii wayaa irra hinjiru?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Kanaaf akkana isiniin jedha, jiruu teessaniif maal nyaanna? yookaan maal dhunna? yookaan nafa keessaniif, maal uffanna?» jettanii hin yaaddayinaa'a! Jiruun nyaata, nafti uffata hin caaluu?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Kanaaf akkana isiniin jedha, jiruu teessaniif maal nyaanna yookiin maal dhunna, yookiin nafa keessaniif, maal uffanna jettanii hin yaaddayinaa'a! Jiruun nyaata, nafti uffata hin caaluu?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kanaaf akkana isiniin jedha, ‹maal nyaanna? maal dhuginna? maal'llee uffannaa?› jechu'uun, waayee jireenna keessaniitiif hin sarddaminaa, nyaata irra jireenni, uffata irra'llee qaaminni hin caaluu ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina'a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu?