Matthew 6:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sinbirroota ilaala'a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara'atti hin galachanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Simpirre ilaala; mid'aani imfach'aaftu, imurtu, yokhaani khod'oti ingalchitu; ammo Abbaani keesani ka gubba jiru isile nyaachisa, isani simpirre ira injirtani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Simphirree laalaa; midhaan hinfacaaftu, hinmurtu, yokaan kodhootti hingalchitu; ammoo Abbaa keessan ka gubbaa jirutti isiillee soora, isan simphirree irra hinjirtanii?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Simbirroota sami'ii laalaa'a; isaan hin facaafatan, hin haamatan, gootara'attillee hin galfatan, Abbaan keessan ka samii jiru isaan nyaachisa. Isin guddiftanii simbirroota hin caaltanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Simbirroota sami'ii laalaa'a; isaan hin facaafatan, hin haamatan, gootara'attillee hin galfatan, Abbaan keessan ka samii jiru isaan nyaachisa. Isin guddiftanii sinbirroota hin caaltanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mee gara sinbirroota samii irra bararanii laalaa, isaan hin facaasan, hin haaman, gootara'atti'llee hin galchan, garuu Abbaan isaanii ka sami'ii isaan ni nyaachisa. Eegaa isin sinbirroota irra haalaan ni caalttanii mitii ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Sinbirroota ilaala'a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara'atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree?