Matthew 6:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo hiyyeesa qarqaartu harki bitaachi waan harki mirgichi tolchu imbeekhiini,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo yo hiyyeessa qarqaartan harkii bitaachii waan harkii mirgichii tolchu hinbeekin!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati ammo hennaa arjoomtu arjummaan kee dhossa'aan akka ta'u, waan harki kee ka mirgaa hojjatu harki kee ka bita'aa hin beekin! Abbaan kee ka waan dhossa'aan godhame argu jasaa kee ifaan sii deebisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ati ammoo hennaa arjoomtu, arjummaan kee dhossa'aan akka ta'u, waan harki kee ka mirgaa hojjatu harki kee ka bita'aa hin beekin! Abbaan kee ka waan dhossa'aan godhame argu jasaa kee ifaan sii deebisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ati garuu kennaa arjjoomaa yeroo arjjoomttutti, waan harki kee ka mirgaa raawwatu, harki kee ka bita'aa hin beekin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin.