Matthew 6:30 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffanaa diqqo'oo!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo Waaqi buuyo arra jirtu ta bori ibidati gatani akana uyise, inni hagasi ira isani inuyisu? D'ugefachaani teesani waan diqoo!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqii yo buuyyoo ardha jirtu ta bor ibiddatti gatan akkana uyyise, innii hagas irra isanii hinuyyisuu? Dhugeeffachan teessan akkam waan diqqoo!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi abaaboo raasa'aa ka adha jiru, ka boru ibiddatti gatamu yoo akkanatti ka uwwisu ta'e, isin bada worra amantii dhidhu'uu; attamitti caalchisee isin uwwisuu dadhaba ree?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi abaaboo raasa'aa ka adha jiru, ka boru ibiddatti gatamu yoo akkanatti ka uwwisu ta'e, isin bada worra amantii diqqo'oo; isin attamitti caalchisee uwwisuu dadhaba ree?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa adha mulidhatee boru ibidda keessatti ka gatamu marga raasa'aa, Waaqinni akkanatti ka uffiisu yoo ta'e, isin worra amantiin isinitti dhidhate nana! Isin ammoo attamitti caalchisee isinitti hin uffifnne ree!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!