Matthew 6:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Yihudoota hin te'in yennaa mara yaada waan kanaatiin qabamaneeran. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Waaqa imbeenne waan kana ch'ufa barbaada. Abbaani keesani ka gubba jiru aka isani waan kana ch'ufa feetani imbeekha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii Waaqaa hinbeenne waan kana cufa barbaada! Abbaan keessan ka gubbaa jiru akka isan waan kana cufa feetan inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kana maraa worri Yihuudota hin taanee waan barbaadaniif. Kun maruu akka isin barbaachisu, Abbaan keessan ka sami'ii hin beeka.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana maraa worri Yihuudota hin taanee waan barbaadaniif. Kun martinuu akka isin barbaachisu, Abbaan keessan ka sami'ii hin beeka.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana argachu'uuf ammoo ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amannee ni barbaadan, isin kun marrinuu akka isin barbaachisu, Abbaan keessan ka sami'ii ni beeka.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
worri Yihudoota hin te'in yennaa mara yaada waan kanaatiin qabamaneeran. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka.