Matthew 6:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Isin yennaa daadimattanu, akka worra kijibuu hin te'ina'a! Isaan worri dhibiin akka isaan dhagguuf, Galma Waaqaa keessaa fi woldeennaa karaa gugurda'aatitti dhaabbatanee daadimatiisa jaallatan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo Waaqa kad'attani, aka nama kiyyibu intahiina! Wonti akanatiifi worri Maneeni Waaqa iti kad'atani keesafi d'aatu kara ejaanjani kad'achu fed'ani, aka nami worra argu. D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Worri suni gati ufi ya argate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammallee dubbatee, “Yo Waaqaa kadhattan, akka nama kijibuu hinta'inaa! Wantii akkanaatiif warrii akka namii warra argu manneen waldeennaa keessaaf dhaattuu karaa ejaajjee kadhachuu fedha. Dhugumaa, waan anin isaniin jedhuu, warrii sun gatii ufii ya argate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Isin hennaa Rabbiin kadhattan akka worra fakkeessuu hin ta'inaa'a! Isaan akka worri biraa isaan arganiif mana sagadaatii fi wol gayii karaa gugurdaa irra dhaabatanii Rabbiin kadhachuu jaalatan; ani dhugamaan isiniin jedha isaan gatii ufii fudhataniiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Isin hennaa faateeffattan, akka worra fakkeessuu hin ta'inaa'a! Isaan akka worri biraa isaan arganiif, mana sagadaatii fi wolgayii karaa gugurdaa irra dhaabatanii kadhachuu jaalatan; ani dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii ufii fudhataniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kadhattantti akka worra fakeessitootaa hin ta'inaa! Isaan naminni akka isaanii arguuf jedhanii bakkeewwan woligayii isaatii fi karaa mara bira dhaabatanii, kadhachuu ni jaalatan. Dhugamaan isiniin jedha, isaan gatii isaanii durssanii argatanii jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Isin yennaa daadimattanu, akka worra kijibuu hin te'ina'a! Isaan worri dhibiin akka isaan dhagguuf, Galma Waaqaa keessaa fi woldeennaa karaa gugurda'aatitti dhaabbatanee daadimatiisa jaalatan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.