Matthew 6:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Yennaa daadimattanu akka worra Yihudoota hin te'inii, jecha bu'aa hin qanne itti hin deddeebi'ina'a; isaan heddummaa jechoota isaaniitiif, waaqi waan isaaniif dhage'u seyan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kad'acha keesati dubbi woma imbaane ind'eeresiina, aka worri Waaqa imbeenne tolchu; worri waan maro dubbi heddutiifi kad'acha d'agayaniifi seha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kadhachaa keessatti akka warra Waaqaa hinbeennee hinta'inaa, dubbii homaa hinbaane hindheeresinaa; warrii waan marroo dubbii hedduutiif kadhachaa dhaga'aniif se'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Hennaa Rabbiin kadhattan akka worra Yihuudota hin taanee dubbii bu'aa hin qabne irra hin deddeebi'inaa'a; isaan dubbii guddisu'uun waan Rabbi isaanii dhagayu seeyan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Hennaa faateeffattan akka worra Yihuudota hin taanee, dubbii bu'aa hin qabne irra hin deddeebi'inaa'a; isaan dubbii guddisu'uun waan Rabbi isaanii dhagayu seeyan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Isin yeroo kadhattantti akka ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee, dubbii tasaa irra dedeebi'uu'uun hin haasayinaa, isaan baayi'inna irra dedeebi'u'uutiin Waaqinni kadhannaa isaanii waan isaaniif dhagayu itti fakkaata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Yennaa daadimattanu akka worra Yihudoota hin te'inii, jecha bu'aa hin qanne itti hin deddeebi'ina'a; isaan heddummaa jechoota isaaniitiif, waaqi waan isaaniif dhage'u seyan.