Matthew 6:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin ammoo akkka isaanii hin te'ina'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu isin adoo isa hin gaafatinuu hin beeka.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka worra intahiina; Abbaani keesani ato isani woma injed'ini waan isani feetani ch'ufa beekha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka warraa hinta'inaa! Abbaan keessan adoo isan homaa jechuu baataniillee waan isan feetan cufaa inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu isin isaan hin fakkaatinaa'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu uduma isin isa hin gaafatinuu hin beeka.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu isin isaan hin fakkaatinaa'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu uduma isin isa hin gaafatinuu hin beeka.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin garuu, Abbaan keessan waan isin barbaachisu uduma isin isa hin kadhatiniin, durssee waan beekuuf, akka isaanii hin ta'inaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ammoo akka isaanii hin te'ina'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu isin adoo isa hin gaafatinuu hin beeka.