Matthew 7:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa kadhatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo isanu ka hameenna qabdani, waan dansa ilmaani teesani kennu beetani, Abbaani keesani hagasi ira waan dansa worra isa kad'atu kenna!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo isanuu ka hammeenna qabdan waan dansaa ilmaan teessanii kennuu beettanii, Abbaan keessan warra isa kadhatuu hagas irra waan dansaa kenna!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu isin hammeeyyii taatanii yoo ijoollee teessanii kennaa mishaa kennuu beettan, Abbaan keessan ka samii jiru worra Isa kadhataniif attamitti waan mishaa caalchisee hin kennine ree?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu isin hammeeyyii taatanii, ijoollee teessaniif kennaa mishaa kennuu yoo beettan, Abbaan keessan ka samii jiru worra kadhataniif, attamitti waan mishaa caalchisee hin kennine ree?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa isin hamaaleyyii taatanii uduu jirttan, ijoollee teessaniif waan mishaa kennuu eega beekittan, eegasuu, ka samii jiru Abbaan keessan ammoo worra isa kadhataniif, attam caalichisee waan mishaa isaaniif hin kennine!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin adoo worra hamaa teetanuu, ijoollee teessaniif waan dansaa kennuu eega beettanee, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee, worra isa gaafatuuf waan dansaa kennuu dhaba ree!