Matthew 7:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Waan namooti akka isiniif godhanuuf barbaaddanu isinille akkasuma isaaniif godha'a: Seerri Muuse'eetii fi raagoti kanuma barsiisan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma aka nami waan dansa isani tolchu feetani, akasuma namale tolcha; tunini dubbi Seeratiifi ta raaga.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma akka namii waan dansaa isanii tolchu feetan, ufiillee akkasuma waan dansaa namaa tolchaa; tunin dubbii seeraatiif fi ta raagaatii” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa «Waan namoonni akka isinii godhan barbaaddan, isinillee akkasuma isaaniif godhaa'a; seerrinii fi raattonnillee kanuma barsiisan.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa «Waan namoonni akka isinii godhan barbaaddan, isinillee akkasuma isaaniif godhaa'a. Seerrinii fi raattonnillee kanuma barsiisan.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa waan namoonni akka isinii raawwatan barbaaddan maraa, isin'llee isaaniif akkuma kana raawwadha'aafii, barsiifnni seeraa fi nabiyyootaa'llee ka jedhan kanuma.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Waan namooti akka isiniif godhanuuf barbaaddanu isinille akkasuma isaaniif godha'a: Seerri Muuse'eetii fi raagoti kanuma barsiisan.