Matthew 7:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Karra dhipho'oon seena'a! Karaan gara badi'ii geessu badha'aa; karrille badhoo waan teeteef, worri karra san seenu heddu'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Balbala d'ipooni olseena. Balbala ballofi karaani laafaani gara badi nama geesa, nami achi deemuleeni heddu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammallee, “Balbala dhiphoon olseenaa! Balbala balloo fi karaan laafaan gara badii nama geessaa, namii achi deemuulleen hedduu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Karra dhipho'oon seenaa'a! Karaan gara badi'ii fidu badha'a; karrillee badhoo waan taateef; worri karra saniin seenu heddu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Karra dhipho'oon seenaa'a! Karaan gara badi'ii fidu badha'a; karrillee badhoo waan taateef, worri karra saniin seenu heddu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Balbala dhipho'oon aseenaa, gara badi'ii titti balballi aseensisu baldhaa, karaan'llee gudda'a. Namoonni garasi aseenan'llee baayi'eewwan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Karra dhipho'oon seena'a! Karaan gara badi'ii geessu badha'a; karrille badhoo waan teeteef, worri karra san seenu heddu'u.