Matthew 7:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa mura'aa san, namooti hedduun, ‘Gootta'a, Gootta'a! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin durriisota hin baannee? Maqaa keetiin baasota hedduu hin hunyee?’ anaan hin jedhan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya suni nami hedduuni, Nu maqa keetiini fanne, maqa keetiini jinni baamne, ammalle maqa keetiini waan mama heddu tolchine jed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa sun namii hedduun, ‘Aabboo, Aabboo, nu maqaa keetiin wa himnee, maqaa keetiin jinnii baamnee, maqaa keetiin waan mamaa hedduu tolchineeni?’ jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa san namoonni hedduu, ‹Gooftaa! Gooftaa! maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin jinnii hin baafnee? Maqaa keetiin baasa hedduu hin hunyee?› naan jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa san, namoonni hedduu, ‹Gooftaa, Gooftaa! maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin jinnii hin baafnee? Maqaa keetiin baasa hedduu hin hunyee?› naan jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa murti'ii titti baayi'eewwan, yaa Gooftaa! yaa Gooftaa! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee ree? Maqaa keetiin hafuurota jinni'ii hin baafnne ree? Maqaa keetiin'llee baasota baayi'ee hin taasfinnee ree? naan jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa mura'aa san, namooti hedduun, ‹Gootta'a, Gootta'a! Maqaa keetiin raaga hin dubbannee? Maqaa keetiin durriisota hin baannee? Maqaa keetiin baasota hedduu hin hunyee?› anaan hin jedhan.