Matthew 7:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassa irratti ijaarrate tokko fakkaatta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba, nami dubbi tiyya tana d'agaye guutu nama qalbi qabu fakaata, ka d'akha gubbati mana ijaare.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus, “Duuba namii dubbii tiyya tana dhaga'ee guutu nama qalbii qabu ka dhakaa gubbatti mana jaarratte fakkaata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammallee akkana jedhe, «Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra oolchu maruu namicha qaroo mana ufii dhagaa irratti ijaarate fakkaata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Namni dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra oolchu, namicha qaroo mana ufii dhagaa irratti ijaarate fakkaata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Dubbii kiyya kana dhagayee hujii irra ka oolichuun marri, nama isaa hunddee dhaga'aa irratti ka ijaare, nama qaruutee ni fakkaata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Nami jecha kiyya dhage'ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassaa irratti ijaarrate tokko fakkaatta.