Matthew 7:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keesa jiru fudhadhu; achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kiyyiba! Qaraa fiit'e jirma ila tante keesaa fuud'i, duuba aka dansaa lafa agarta, aka ila oboleesa keti keesaa filida fuutu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kijibaa! Akka ila obbooleessaa keetii keessaa filliida fuutuu qaraa fiixee jirma ila tantee keessaa fudhadhu, achiin duuba akka dansaa lafa argitaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati nama fakkeessitu! duraan dursii utubaa ija tee keessa jiru baasi. Achiin maayessa huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf midhaassitee arguu dandeettaa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ati nama fakkeessaa'a! duraan dursii utubaa ija tee keessa jiru baasi. Achiin maayessa huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, midhaassitee arguu dandeetta.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ati fakkeessaa nana! Durssiitii gudeelcha ija kee keessa jiru baasi, saniin duubatti'llee, huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasu'uuf, qulqulleessitee ni argita.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati nama kijiba'a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu; achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta.