Matthew 7:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ka kadhatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami wo kad'atu inargata, nami barbaadu inarga, ammalle nama balbala d'ad'au imbananiifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii kadhatuu inargata, namii barbaadu inarga, ammallee nama balbala dhadha'uu inbananiif.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka kadhatu maruu hin fudhata; ka barbaadu hin argata; ka balbala dhadhayuufillee hin banama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka kadhatu maruu hin fudhata, ka barbaadullee hin argata, Ka balbala dhadhayuufillee hin banama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
ka kadhatu marrinuu ni fudhata, ka barbaadu'llee ni argata, balbala ka dhadhayuuf'llee ni banama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka gaafatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti.