Matthew 8:11 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaaq woliin hin nyaatan;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Me ilaala, nami hedduuni mirga bitaa d'ufe Abrahamufi Isaaqofi Yakobo woliini Finna gubba keesa taani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mee laalaa, namii hedduun mirgaa bitaa dhufee Abrahaam, Yisihaqii fi Yaaqoob waliin Mootummaa Waaqaa keessa tata'an.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani akkana isiniin jedha namoonni heddu isaanii baya biiftu'uutii fi dhiya biiftu'uutii dhufanii jeennata sami'ii keessatti Abrahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin taa'an;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani akkana isiniin jedha, namoonni hedduu isaanii baya biiftu'uutii fi dhiya biftu'uutii dhufanii, jeennata sami'ii keessatti Abirahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiin woliin taa'an;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Baayi'eewwan baya adu'uutii fi gara dhiyaatii ni dhufan, Abraahaam, Yisaaqii fi Yaaqoobiin woliin'llee Mootummaa Sami'ii titti, nyaataaf ni taa'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani isinitti hima, biyya lafa duudii irraa karaa aduun baatuu fi seentuu dhufanee, mootummaa Waaqaa keessatti Abrahaam, Yaaqoobii fi Yisihaq woliin hin nyaatan;