Matthew 8:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, “Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si'iif teetuu” jedhe. Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle sa'aatuma san fayye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan shumichaani jed'e, Beeni, wonti atini d'ugefatte suni sii tahinna. Jennaani garbichi hojuma suni fayye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus shuumichaan, “Been! Wantii atin dhugeeffatte sun sii ta'inaa!” jedhee, jennaan hojjataan yoma sun fayye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Yesuus ajajjaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma amantii keetii sii haa ta'u» jedhe. Tajaajilaan ajajaa dhibbaa yoma san fayye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Yesuus ajajjaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma amantaa keetii sii haata'u» jedhe. Tajaajilaan ajajaa dhibbaallee yoma san fayye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti, Yesus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi akka amantii keetii siif haa ta'u!» jedheen. Tajaajilaan isaa'llee saa'aatima sanitti ni fayye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus ajajaa dhibbaatiin, «Deemi; akkuma dhugeeffanna teetii si'iif teetuu» jedhe. Tajaajilaan ajajaa dhibbaalle saatuma san fayye.