Matthew 8:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus yennaa mana Pheexroosii dhaqe, haati sodda'aa ta Pheexroosii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee taqee irra irkatiisatti jirtuun dhagge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni mana Petro seennaani, jaarti soda isaa ta qanno qabdu arge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus mana Phexros seennaan, jaartii soddaa isaa ta qandhoo qabdu arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus hennaa mana Pheexroosii dhaqe soddaatiin Pheexroosii oo'aa fi haxaxxe'een dhibamtee ka ciifteertu arge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus hennaa mana Pheexroosii dhaqe, soddaatiin Pheexroosii oo'aa fi haxaxxe'een dhibamtee ka ciifteertu arge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achii'llee Yesus gara mana Phexirosii yeroo aseenetti, soddaatiin Phexirosii dhukkuba oo'isee qaama gubuun dhukkubsattee, akka ciiftte ni arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus yennaa mana Pheexroosii dhaqe, haati sodda'aa ta Pheexroosii dhukkuba nafa o'isuun dhibantee taqee irra irkatiisatti jirtuun dhagge.