Matthew 8:16 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Aduun seenteen duuba, worra durriisotaan qabamane hedduu gara Yesuusii fidane. Innille jecha ifiitiin durriisota baasee, worra dhibame maralle fayyise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Galgala suni nama heddu ka jinni qabu Yesotiini d'ufani duuba inni jecha tokooni jinni baase, nama d'ukuba qabule ch'ufa fayyise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Galgala sun nama hedduu jinnii qabu Yesusittiin dhufanii jennaan innii jecha tokkoon jinnii baasee, nama dhukkuba qabullee cufa fayyise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga aduun dhiiteen maayii namoota jinni'iin qabaman heddu isaanii gara Yesuusii fidan; Inni dubbii ufiitiin jinnoota baasee worra dhibame maraa fayyise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga aduun dhiiteen maayii, namoota jinni'iin qabaman heddu isaanii gara Yesuusii fidan. Innillee dubbii ufiitiin jinnoota baasee, worra dhibame maraa fayyise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo dhiitetti'llee namoonni namoota jinni'iin qabaman dhukkubisatoota baayi'ee gara Yesusii ni fidan, inni'llee dubbii isaatiin hafuurota battiiwwan jinni'ii isaan keessaa ni baase, dhukubsatoota mara'llee ni fayyise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Aduun seenteen duuba, worra durriisotaan qabamane hedduu gara Yesuusii fidane. Innille jecha ifiitiin durriisota baasee, worra dhibame maralle fayyise.