Matthew 8:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, “Gootta'a, yoo fedha keeti te'e ana fayyisuu dandeetta” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi qomaat'a qabu toko isati d'ufe, durati jilbifate waan jed'eeni, Aabbo, atini yo feete na fayyisu dandeeta.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii qomaaxaa qabu tokko isatti dhufee, duratti jilbiiffatee, “Aabboo, atin yo feete na fayyisuu indandeetta” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo san namichi dhukkuba gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee, «Gooftaa kiyya! Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeetta» jedha'aa sagadeef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yoo san namichi dhukkuba gogaa kukkutuun qabame tokko gara isaa dhufee, «Gooftaa kiyya! Yoo fedha kee ta'e na fayyisuu dandeeta» jedha'aa sagadeef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kanatti namichi waashaye tokko dhufee sagadeefiiti, «Yaa Gooftaa! Yoo eeyyamtte ana fayyisu'uuf ni danddeetta» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru tokkolle gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Gootta'a, yoo fedha keeti te'e na fayyisuu dandeetta» jedhe.