Matthew 8:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Jeedalti boolla qaddi; simbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yeso waan jed'eeni, Geedalti goda qabdi, simpirreleeni mana qabdi, ammo Ilmi Nama fulla mata ufi keyatu inqabu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ammoo, “Geedaltii boolla qabdii, simphirreelleen mana qabdii, ilmii namaa ammoo fulaa mataa ufii keeyyatuu hinqabu” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qabdi; simbirtillee goom'ee qabdi; Ilmi namaa ammo hulee mataa ufii itti irkifatu hin qabu» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qabdi; simbirtillee mana qabdi; Ilmi namaa ammoo hulee mataa ufii itti irkifatu hin qabu» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee, «Jeedallan boolla ni qaban, sinbirroonni qilleenssa irra bararan'llee mandhee keessatti boqatan ni qaban, Ilmi Namaa garuu matama ufiituu bakka itti boqachiisu hin qabu» jechu'uun ni deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Jeedalti boolla qaddi; sinbirreelle mana qaddi; Ilmi namaa ammoo addee mataa ifii itti irkifatu hin qabu» jedheen.