Matthew 8:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te'e maraa fi waan namoota durriis qabeeru irratti te'e achitti odeessane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tissituuni baqatte, dira d'at'e waan worri jinni qabu tahe ch'ufa odeesite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tissituun baqaattee, dira dhaxxee waan warrii jinnii qabu ta'e cufaa haasofte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri booyyee tissan baqatanii qachaa seenanii waan ta'ee fi waan namoota seexanni qabeeru irratti ta'e maraa achitti odeessan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri booyyee tissan baqatanii qachaa seenanii, waan ta'ee fi waan namoota seexanni qabeeru irratti ta'e maraa achitti odeessan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tissitoonni booyyeewwanii'llee dheessanii, gara magaala'aa galaniiti waan maraa ni odeessan, waayee namoota jinni'iin qabaman irratti ta'e'llee ni dubbatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri booyyota tissanu baqatanee qachaa seenanee, waan te'e maraa fi waan namoota durriisi qabeeru irratti te'e achitti odeessane.