Matthew 8:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba diri ch'ufti haguma gahuunu Yeso argu d'ufe; arginaani aka inni lafa worra keesaa deemu kad'atani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba dirii cuftii haguma ga'uunuu Yesus arguu dhufe; arginaan akka innii lafa warraa keessaa deemu kadhatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa namoonni qachaa san keessaa maruu Yesuusiin argu'uuf bayan; isaan hennaa dhufanii isa argan akka inni biyya isaanii keessaa bayee deemu isa kadhatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa namoonni qachaa san keessaa martinuu, Yesuusiin argu'uuf dhufan; Isaan hennaa dhufanii isa argan, akka inni biyya isaanii keessaa bayee deemu isa kadhatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti namoonni magaala'aa marrinuu Yesusiin laalu'uuf ni bayan, yeroo arganiinitti'llee, biyya isaaniitii bayee akka isaanii deemuuf ni kadhataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba namooti qachaa keessaa marti Yesuus dhaggiisaaf gad bayane; isaan yennaa isa dhaggane, biyya isaanii lakkisee akka deemuuf isa kadhatane.