Matthew 8:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus, “Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te'u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!” isaan jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Ch'aqasi! Waan tokole namaani injed'ini, ammo d'aqi, qaallicha ufi agarsiisi, sorio Musani mure baasi, aka nami ch'ufti aka atini fayyite argu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus, “Caqasi! Waan tokkoollee namaan hinjedhinii, ammoo dhaqii, qaallicha ufi garsiisii, sooriyoo Museen mure baas, akka namii cuftii akka atin fayyite argu” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkottillee hin himin; garuu deemii gadichatti uf mudhisi; fayyuun kee akka nama maraaf ragaa ta'u fayyuu keetiif kennaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkottillee hin himin; haata'uu ammoo deemiitii, gadichatti uf mudhisi; fayyuun kee nama maraaf akka ragaa ta'u, fayyuu keetiif kennaa Muuseen ajaje dhiyeessi!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Yesus, namicha waashayinna irraa fayyeen akkana ni jedheen, «Waan kana eennutti'llee hin dubbatin, garuu deemiitii fayyuu kee qeesicha kee titti muldhisi, ragaa isaanitti akka ta'uu danda'u, waayee fayyuu keetiitiif kennaa Museen ajaje, Waaqaaf dhiyeessi!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus, «Beekkadhu! Waan kana nama tokkolle'etti hin himin; ammoo dhaqiitii, hayyichatti ifi mudhisi; fayyuun keeti nama maraaf akka dhugaa baya te'u, fayyuu keetiif qodha Muuseen ajaje dhikeessi!» isaan jedhe.