Matthew 8:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‘Deemi!’ yoo jedheen, innille hin deema; kaanille'een, ‘Koy!’ yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‘Kana huji!’ yoo jedheen, innille hin huja” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini nama jala hojad'a, askartileeni na jala jirti; yo anini nama tokooni. Deemi jed'u, indeema; yo ka d'ibiini, Kooti jed'u, ind'ufa. Ammalle yo anini tisse tiyyaani, Waan kana tolchi jed'u, intolcha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin nama jala hojjadha, warra waraanaatti na jala jira, yo anin nama tokkoon ‘Deem’ jedhuu, indeema; yo kadhibiin ‘Kootti’ jedhu indhufa. Ammallee hojjataa kiyyaan, yo anin ‘Waan kana tolchi’ jedhuu, intolcha” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani mataan kiyyaa abbootii baallii qaban jala jira; loltoota uf jalatti bulchu qaba. Tokkoon yoo ‹deemi› jedhe inni hin deema; kaaniin yoo ‹koottu› jedhe inni hin dhufa; Hojjataa kiyyaan yoo ‹kana huji› jedheen innillee hin hojjata.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani mataan kiyyaa abbootii baallii qaban jala jira. Loltoota uf jalatti bulchu qaba. Tokkoon deemi yoo jedheen, innillee hin deema. Kaaniin ammoo koottu yoo jedheen, innillee hin dhufa. Hojjataa kiyyaan kana hujii yoo jedheen, innillee hin hojjata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani mataan kiyyaa namoota aangoo qabaniif ajajamaa yoo ta'u, anaa gadi lolttoota ajaju ni qaba, isaan keessaa tokkoon, ‹deemi!› yoo jedhuun ni deema, ka bira'aatiin'llee, ‹koottu!› yoo jedheen ni dhufa, tajaajilaa kiyyaan'llee, ‹kana raawwadhu!› yoo jedhuun, ni raawwata.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Aninuu worra baalli qabu jala jira, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa tokkochaan, ‹Deemi!› yoo jedheen, innille hin deema; kaanille'een, ‹Koy!› yoo jedheen, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyaan, ‹Kana huji!› yoo jedheen, innille hin huja» jedhe.