Matthew 9:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba barattooti Yohaannisii cuupha'aa gara Yesuusii dhufanee, “Nuutii fi Fariisaayoti yennaa mara maaf laamaa, barattooti teeti ammoo ijjumaa maaf laamuu dhaban?” jedhanee gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani jari Yohana gara Yeso d'ufe waan jed'eeni, Nuufi Farisayooni maafi Waaqaa jenne ufi agabsina, ka jari kanke ufi inagabsine?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan jarii Yoh. aannis gara Yesus dhufee, “Nuu fi Fariisotii maaf Waaqaa jennee ufi agabsina, ka jarii kankee ufi hinagabsine?” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaaf tokko darasoonni Yohaannisii gara Yesuusii dhufanii, «Nu'uu fi Fariisonni hennaa hedduu hin soomna; darasoonni tee ammo maaf hin soomne?» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gaaf tokko darasoonni Yohaannisii gara Yesuusii dhufanii, «Nu'uu fi Fariisonni hennaa hedduu hin soomna. Darasoonni tee ammoo maali'iif hin soomne?» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti, barattoonni Yohaannisii gara Yesusii dhufanii, «Nu'uu fi Fariisoonni yeroo maraa ni soominna, barattoonni kee garuu ka hin soominne maali'iif?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba barattooti Yohaannisii cuupha'aa gara Yesuusii dhufanee, «Nuutii fi Fariisaayoti yennaa mara maaf laamaa, barattooti teeti ammoo ijjumaa maaf laamuu dhaban?» jedhanee gaafatane.