Matthew 9:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Waajibichi isaan woliin adoo jiruu jaaloti hin gaddanii? Waawwo'o! Guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; achiin duuba isaan hin laaman.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan worraani jed'e, Keessumaani fuud'aa haga abbaani fuud'a worra woliini jiru lalefachu dandeeti? Guyyaani abba fuud'a worra biraa fuud'ani ind'ufa, duuba hojja suni worri ufi agabsa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus warraan, “Keessumaan fuudhaa haga abbaan fuudhaa warra waliin jiru laaleffachuu dandeettii? Guyyaan abbaa fuudhaa warra biraa fuudhan indhufa, duuba yo sun warrii ufi agabsa” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akkana jedhee isaanii deebise, «Worri jaalaa uduu idaayyaan isaan woliin jiru hin gaddanii? Haa ta'uu ammo ji'oonni idaayyaan isaan biraa fudhatamu hin dhufa; hennaa san sooman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus akkana isaaniin jedhe, «Worri jaalaa Idaayyaan uduu isaan woliin jiru hin gaddanii? Haata'uu ammoo ji'oonni idaayyaan isaan biraa fudhatamu hin dhufa; hennaa san sooman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ka fuudhu isaan woliin yoo jirutti, jaalonni gadduun isaan irraa ni malaa ree? garuu yeroon ka fuudhu isaan biraa itti fudhatamu ni dhufa, yeroo sanitti ni sooman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Waajibichi isaan woliin adoo jiruu jaaloti hin gaddanii? Waawwo'o! Guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; achiin duuba isaan hin laaman.