Matthew 9:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; sababille qalqalluun hin dho'a, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada; daadhiin hin bayin qalqalluu hareyatti naqamuu malte; daadhiille, qalqalluulle hin badanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daad'i hareeti gorjo dullatiti inaqani. Yo akasi tolchani, gorjooni intarsaati, daad'iini jidde gorjooni baddi. Daad'i hareeti gorjo hareetiti naqani, duuba lachu guyya heddu teeti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Daadhii oowituu gorjoo dullattiitti hinnaqan. Yo akkas tolchan, gorjoon tarsaateetti, daadhiiilleen jiddee gorjoon baddi. Yo daadhiii oowituu gorjoo haareettitti naqan, duuba lachuu guyyaa hedduu teetti” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma daadhii woyini'ii ta hin bayin qalqala moofa'atti eennullee hin naqu; Yoo naqame ammo qalqalli sun hin dhooya; daadhiin woyini'iillee hin jiga; qalqallillee hin bada; daadhiin hin baane ammo qalqala haarawatti naqama; yoo san daadhiinii fi qalqallillee hin badu.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqala moofa'atti eennullee hin naqu; Yoo naqame ammoo, qalqalli sun hin dhooya, daadhiin woyini'iillee hin jiga, qalqallillee hin bada; haata'uu ammoo daadhiin hin baane qalqala haarawatti naqama; yoo san daadhiinii fi qalqallillee hin badu.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana qalqala bishaanii ka moofetti daadhii woyinni'ii haarawa ka kaayu eennu'llee hin jiru, yoo raawwatame garuu qalqalli ni dhooya, daadhiin woyinni'llee ni jiga, qalqalli'llee miidhamee faayida'aan ala ni ta'a. Daadhii woyinni'ii haarawa garuu qalqala haarawatti kaayuun ni mala, bifa kanaan'llee lamaanuu haalaan eegamanii ni jiraatan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; sababille qalqalluun hin dho'a, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada; daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu malte; daadhiille, qalqalluulle hin badanu» isaaniin jedhe.