Matthew 9:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, “Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha naafa toko ka sire gubba ch'iisu isatiini d'ufani. Yesoni d'ugefacha worraa arginaani waan namicha naafa kaaniini jed'e, Garaa jabaad'u, gurba kiyya; daba kanke ya sii araaramani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan jarii tokko namicha naafa tokko siree irra ciibsisee isattiin dhufe. Yesus dhugeeffachaa warraa arginaan namicha naafa kaaniin, “Garaa jabaadhu, gurbaa kiyya; cubbuu tantee ya sii araaramanii” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantii isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jarri tokko achitti namicha nafti isaa laamshayee itillee irra ciiseeru tokko gara isaa fidan. Yesuus hennaa amantaa isaanii arge, namicha laamshayaa saniin, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuun kee sii dhiifameeraa» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achii'llee namoonni siree irra ka ciisee jiru, nama naafa tokko qabatanii gara isaa ni fidan. Inni'llee amantii isaanii laalee naafttichaan, «Yaa ilma kiyya! Jabaadhu, cubbuun kee siif dhiifamee jira» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe.