Matthew 9:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isiin gadhaa ifiititti, “Yoo woyaa isaa callaa tuqe, ani hin fayya” jettee yaadatte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini waan ufiini jette, Yo anini woya isaa ch'alla tuqele imfaya.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isiin garaa ufii keessatti, “Anin yo wayaa isaa callaa tuqeellee infayya” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isiin garaa ufii keessatti, «Yoma uffata isaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadde.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isiin garaa ufii keessatti, «Yoma uffata isaa callaa tuqee, ani hin fayya» jettee yaadde.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana'llee ka raawwatteef, «Uffatuma isaatuu uduu tuqee ni fayya» jettee, onnee isi'ii titti yaaddee waan turtteef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isiin gadhaa ifiititti, «Yoo woyaa isaa callaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadatte.