Matthew 9:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus garagalee isii dhaggee, “Intala tiyya, jabaadhu! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti” jedheen; dubartittiille yoosuma fayyite.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni ufira garagale, isi arginaani waan jed'eeni, Intala, garaa jabaad'u, d'ugefachaani tante la si fayyifte. Hojuma suni fayyite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus ufirra garagalee, isii arginaan, “Intala garaa jabaadhu, dhugeeffachaan tantee la si fayyiftee” jedheen; isiin yoma sun fayyite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus uf irra gara galee isii argee, «Intala tiyya jabaadhu! amantiin kee si fayyiseeraa» jedheen; dubartittiinillee yeroma san irraa jalqabdee fayyite.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus garagalee isii argee, «Intala tiyya, jabaadhu! amantaan kee si fayyiseera» jedheen; dubartittiinillee yeroma san irraa jalqabdee fayyite.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee ufi irra garagalee laaleeniiti, «Jabaadhu yaa intala tiyya! Amantiin kee si fayyisee jira» jedheen. Dubarttiin'llee bakkumatti ni fayyite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus garagalee isii dhaggee, «Intala tiyya, jabaadhu! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen; dubartittiille yoosuma fayyite.