Matthew 9:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, “Akka ani kana godhuu dande'u hin dhugeeffattanii?” jedhee isaan gaafate. Isaanille, “Ee, Gootta'a!” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni mana olseennaani jari ballaani kaani gara isaa d'ufe. Yesoni waan worraani jed'e, Aka anini waan kana tolchu dandau ind'ugefattani? Jari, Ee Aabbo ind'ugefanna jed'eeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii mana olseennaan jarii ballaan kaan gara isaa dhufee, Yesus warraan, “Akka anin waan kana tolchuu danda'uu indhugeeffatanii?” jedheen. Jarii, “Ee'ee Aabboo indhugeeffana” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa inni gara manaa seene worri ijaan hin argine gara isaa dhufan; Yesuusillee, «Akka ani kana godhuu danda'u hin amantanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ee, Gooftaa!» jedhanii deebisaniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa inni gara manaa seene, balloonni gara isaa dhufan; Yesuusillee, «Akka Ani kana godhuu danda'u hin amantanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanillee, «Ee, Gooftaa kiyya!» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus gara manaa yeroo aseenetti jaamonni'llee gara isaa ni dhiyaatan, inni'llee, «Ani kana raawwachuu akka danda'u, ni amantanii ree?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Ee, yaa Gooftaa!» jechu'uun, ni deebisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, «Akka ani kana godhuu dande'u hin dhugeeffattanii?» jedhee isaan gaafate. Isaanille, «Ee, Gootta'a!» jedhaneen.