Matthew 9:35 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lallabaa, kolbaa dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisaa qachootaa fi olloota mara keessa deeddeeme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Yesoni achi deeme diraafi ollowaanifi maneeni Waaqa iti kad'atani keesati Odu Dansa ta Finna odeese, d'ukubafi fayyad'aba ch'ufa fayyise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba Yesus achii deemee dira, ollootaa fi manneen Waldeennaa keessatti oduu dansaa mootummaa Waaqaa, haasaa'ee dhukkubaa fi fayyadhaba cufa fayyise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhukkubaa fi dhibee maraa fayyisa'aa qachootaa fi gandoota maraa keessa deddeeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuusillee Mana sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhukkubaa fi dhibee maraa fayyisa'aa qachootaa fi gandoota maraa keessa deddeeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee bakka woligayii isaanii titti barsiisa'aa, wongeela Mootummaa Waaqaa'llee lallaba'aa, ummata'llee dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisa'aa, magaalotaa fi gandoota mara keessa ni naannaya ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lallabaa, kolbaa dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisaa qachootaa fi olloota mara keessa deddeeme.