Matthew 9:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu” jedhee, namicha laashoweeruun, “Ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo aka Ilmi Nama lafa keesati jabeenna daba nama araaramuuni qabu hubad'a. Jennaani inni waan namicha naafa kaaniini jed'e, Kai, sire tante fud'ad'u, worrati gali.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo akka ilmii namaa lafa irratti jabeenna cubbuu namaa araaramuun qabu hubadhaa!” jedheen. Jennaan innii namicha naafa kaaniin, “Ka'ii, siree tantee fudhadhuu, warra keetti gali!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilmi namaa biyya lafaa irratti dhiifamsa cubbu'uu kennu'uuf akka baallii qabu haa beekani'iif namicha laamshayaa saniin, «Ka'ii itillee tee baadhadhuu deemi!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo, Ilmi namaa biyya lafaa irratti dhiifamsa cubbu'uu kennu'uuf baallii akka qabu beekaa'a!» isaaniin jedhe. Namicha laamshayaa saniin, «Ka'ii Itillee tee baadhadhuu deemi!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu Ilmi Namaa arddii irratti cubbu'uuf dhiifama taasisu'uuf aangoo akka qabu, akka beekitaniif» namicha naafttichaan, «Ka'ii siree kee baadhadhuutii, gara mana keetii deemi!» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!» jedhe.