Micah 1:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan worri boch'e kad'atu ch'ufa ch'ach'absani, waan sharmut'a mana waaqoota suni ke jiru baasani ch'ufa gubani, ammalle wonti boch'ani kad'atani suni ch'ufti onte baddi. Waan kana ch'ufa Samariani kara sharmut'omatiini argate, amma nyaapi isii waan suni ch'ufa fud'ate lafa d'ibi geese kad'ata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fakiiwwan isi'ii maruu hin caccaban; gatiin worra hulee woyyu'uutitti seebaranii kennamu maruu ibiddaan gubata; waaqolee tolfamaa isi'ii maraa hin balleessa; Samaariyaan wonti fakiiwwan kanniin wolitti qabdeef gatii seebaraaf kennamu godhatu'uuf; ammallee diintonni isi'ii seebaraaf itti fayyadaman.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Waaqoti dharaa ka qachaa Samaariya'aa marti hin bututan; kennansi galmaa qachaa Samaariya'aatiif kenname marti ibiddaan hin gubama; ani fakkii qachaa Samaariya'aa mara hin balleessa; kennansi qachaan Samaariya'aa sagaagalummaa irraa dhaggate, ammalle deebi'ee hujii sagaagalumma'aatiif hin te'a» jedha.