Micah 3:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo anini ufii tiyya, AABBO Waaqi ya jabeennafi lubbu ufiitini na guute herega d'ugaatifi jannooma naa kenne, aka anini gumi Israeli ch'ubbu worraa iti himu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ana ammo Rabbi Hafuuraa fi hunna ufiitiin na guuteera; Inni akka ani banii Israa'elii yakkaa fi cubbuu isaanii maal akka ta'e akka isaan beessisu ifatti murtii qajeelaa akka murteessu jabeenna naa kenneera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani ammoo Yaaqoobiif yakkaa isaa, Israa'eliif cubbuu isaa himiisaaf hunnaan, Ayyaana Mootii Waan Maraatiin, haqaa fi jabeenna gudda'aan guutameera.