Micah 4:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani worra Sioni, aka nad'eeni ch'ininfattu, woraaqa, waad'a; isani amma dira keesaa baatani baadia galtani. Lafa Babiloni d'at'ani, achiti AABBO Waaqi d'ufe harka nyaapa keesani keesaa isani baasa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii Yerusaalemii! akka dubartii ciniinsuun qabeetitti woyata'aa gangaladhaa'a; isin qachaa keessaa ari'amtanii raasa'atti quphattanii gara Baabilooniillee hin deemtan; ammo Rabbi achitti isin oolcha; diintota teessan jalaallee isin baasa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin kolbaa Xiyoonii, akka dubartii ciniinsifattuu, aadaa rakkadha'a; qachaa keessaa baya'aatii, diida keessa qubadha'a. Gara Baabilonii hin ideentan; achitti Mootiin Waan Maraa harka diina keessanii jalaa isin baasee, isin hin woda.