Micah 4:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Worra Sioni kaa, nyaapa keesani aka mid'aani d'aanani d'aana! Anini aka korma looni ka gaafa sibiila guraachatiifi qeench'a sibiila diima qabu isani tolcha. Isani gosa heddu d'aantani ch'ach'arasitani, ammalle hori worri kara dabatini argate iraa fuutani ana, abba lafa ch'ufaati baaftani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Isin banii Yerusaalemii! deema'aatii diintota teessan akka midhaaniititti ayyiidaa'a! ani isin akka sangaa gaafni isaa sibiilaatii fi ka qeensi isaa sibiila diima'aatitti akka jabaattan isin taasisa; mootota hedduu hin balleessitan; qabeenna isaan dharaan wolitti qabatan maraa adunyaa guutuu ana Rabbii Goofta'aa fiddanii dhiyeessitan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Xiyoonii, ka'a'a! Diina keessan akka midhaanii dhowa'a! Ani gaafa sibiilaa isiniif hin kenna; kottee sageettu'uu isiniif hin kenna; isinille gosa biyya adda addaa hedduu hin butuchitan. «Bu'aa isaan hunnaan dhaggatane ana Mootii Waan Maraatiif, karra isaanii Goottaa lafa duudi'iitiif hin dhikeessitan» jedha.