Micah 4:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri naafa, ammalle worra isaani ira fago jira, ammo anini worra hafe suni qarqaare gosa guddo tolche horsiisa. AABBO Waaqi armaa achi haga jiru jireenna gaara Sioni irati worra fida.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra hokkolan akka jiraatan taasisa; worra gatamanii turan banii jabaa isaan taasisa; ani gaara Tsiyoonii irratti hennaa san irraa jalqabee baraa haga bara baraa mooya.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra naafolee baraaree hin hambura; worra booji'ame gosa biyya jaddu'uu hin godha; ani Mootiin Waan Maraa guyyaa sanii jalqabee gaara Xiyoonii irratti bulchaa isaanii hin te'a.