Micah 6:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi tiyya, waan hayyu Balakini, ka gosa Moabu, isaniti malateefi waan Balaamuuni, ilmi Beori, isaa deebise qaabad'a. Ammalle waan karaati isaniti tahe jiddu Shitimufi Gilgali qaabad'a. Yo waan kana ch'ufa qaabattani, waan anini baasiti teesani jed'e tolche hubattani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii kiyya! mootii Moo'aabii Baalaaq maal akka sitti karoorfatee fi Bala'aam ilmi Bi'oorii maal akka isaa deebise yaadadhu; ati Shiximii kaatee hennaa gara Gelgela'aa deemtu waan karaa irratti ta'e qaabadhu; uduu waan kana maraa qaabattee waan ani si oolchu'uuf godhe kana maraa hin beetta.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaa tiyya, waan mootiin Mo'aabii Balaaqi isin irratti mala dhowe, waan ilmi Be'orii Bala'aam isaaf deebiselle qaabadha; hujii tiyya balchittii akka beettanuuf, addee ‹Shiixiim› jedhantuu haga qachaa Giilgaliititti waan te'elle qaabadha'a» jedha.