Micah 7:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee AABBO Waaqa, gumi tante ta atini fohatte, ule tanteetiini tissi. Ato worri lafa aloo koba keesa taele, lafa gabboti d'aatu worraa jira. Worri ha godaane lafa gabbo Bashanitifi Gileadi, ta worri duri keesa tauti deebie achiti nyaate d'uguuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbii kiyya! gumii banii keetii baallii keetiin eegi; isaan hulee biqiltuu lalisee bosona keessa worra hojja ufii jiraatan; akka duriititti Baasaanii fi Gala'aadiin keessatti akka waa nyaatan isaan taasisi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaa teeti, worra hoolota teeti te'ane, ulee teetiin tissi! Isaan amma gongomaa keessa qofii ifii, lafa oorru'uu keessa le'an. Isaan akkuma bara durii, Baashaanii fi Giil'aad keessa dheedanuu ti.