Micah 7:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri ch'ufti aka waan hamtu tolchu ya iti ogeesa tahe. Jaaroleefi jaallabi gumbo nama ira fud'ata. Nami gurra qabu waan fed'u worra suniti hime duuba ch'ubbu iti wold'aqani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harki isaanii waan hamaa hujuu barateera; ka baallii qabuu fi abbaan murti'ii gabbarsuu gaafata; fedha ufii guddaa hunnaan raawwachiifata; akkaataa kanaan maruu murtii dabsan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Harki isaanii waan hantuu hujiisa barateera; bulchaan kennansa gaafata; abbaan mura'aa safuu fudhata; worri dureeyyiin waan barbaade muummessa; isaan martinuu wolumaan mala dhowan.