Micah 7:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra nami keesaa goomuleeni aka mogore nama woraana, ka ira qajeelaleeni hanqare fakaata. Guyyaani Waaqi biyya balleesu, akuma inni qara afaani raagootatini nama gorse, ya d'ufe. Biyyiti amma ya waan taatu wollaalte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan keessaa namni guddisee woyyaa qaba jedhamu akka qoree anshookalla'aati; namni guddisee qajeela'a jedhamu akka qoree, qummuuddu'uuti; akkuma Rabbi banii ufii raattotaan seere hennaan banii ufii adabu hin dhufa; ammumaa isaan raafama'aaran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa ka mara caalaa «Addatama'a» jedhamu, akka qumi'uudu'uu ti; ka mara caalaa «Qajeela'a» jedhamu, qoree caalaa bada'a. Guyyaan Waaqi isaan adabu ka worri raagotaa dubbatane dhufeera; yennaan isaan waan te'anu wollaalanu amma.