Nahum 1:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan worra Ashuru akana jed'e: Worri deebie ilmaani ind'alu, tanaafi maqaani worraa imbada. Anini waan worri harkaani boch'e mid'aasu, ka mana waaqoota worraa keesa jiru, ka worri kad'atu, imballeesa. Anini worra Ashuruti awaala qotuu jira — worri jiraachu himmalle!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Murtiin Rabbi worra Asooriititti murteesse, «Isin ammaa achi fiixaa bakka keessan bu'ee maqaa keessan waamsisu hin argattan; ani waaqolee tolfamaa baffamanii hojjatamanii fi fakiiwwan bocaman mana woyyummaa waaqa tolfama'aa keessan keessatti argaman hin balleessa; isin worra bu'aa hin qabne waan taataniif boolla awwaalaa isinii qota» jedha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa marroo worra Asoorii, «Haganaa achi sanyiin maqaa keessan waansittu hin jiraattu; galma waaqota keessanii keessaa waaqota dharaa fakkii bocantee fi fakkii baqisiifantee hujantee hin balleessa. Isin worra bu'aa hin qanne waan teeteef, boolla awwaalaa isiniif hin qota» jedhee ajaja baaseera.