Nahum 1:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Me ilaala, nami ergaani d'ufu, ka odu dansa ta nagaya namati odeesu, gaareeni ira gad'ufuu jira! Worra Yuda, jila teesani tolfad'a, kakhu isani Waaqati kakhattani guuta. Worri ch'ubbu qabu suni deebie lafa teesani inhad'u; ya worra balleesani fit'ani!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ergamaan oduu nagayaa himu, ka waan nagayaa labsu gaarran irraan dhufa'aara; banii Yihuuda'aa! diintonni tee hammeeyyiin sirima waan badaniif ammaa achi biyya kee sirima marsanii hin qabatan! kanaafuu ayyaannan kee gammachu'uun kabajji! waan Rabbii woreega qabde kenni!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kunoo, ergamaan oduu gammadaa odeessu, ka nageya lallabu gaara gubba'aa dhufaara. Kolbaa Yihuda'aa! Diinni keessan ijjumaa waan badeef, haganaa achi biyya teessan hin qabatanu. Tanaaf, gammadaan jilifadha'a. Waan Waaqaaf kenniisaaf waadaa galtane Waaqaaf kenna'a.