Nahum 3:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Madaani tante qorsa inqabdu, nami si fayyisuleeni tokoleeni injiru. Nami badi tante d'agaye ch'ufti harka d'ae gammada. Nami tokoleeni waan hamtu atini guyya ch'ufa tolchitu ka jalaa bahe injira?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati akka hamaa waan madoofteef ka madaa kee fayyisuu danda'u hin jiru; hujii kee ka gar jabeennaa ka dhuma hin qabne jalaa dheessee baye waan hin jirreef worri waan kee dhagayan maruu kufa keetitti harka dhayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Miidhama keeti nami goomsu hin jiru; madaan teeti hin fayyitu. Nami oduu jinnana keeti dhage'e marti gammadaan harka dhowa. Nami gadhi-jabinna keeti ka muummee hin qanne jalaa bayeeru jiraa ree?